“Gamoo seeni” isheedhaan jedhame, Yeroma isa argitu haroo isa seetee, mogolee ishee lamaan irraa saaqxe, [Suleymaan] ni jedhe: “Inni kun masaraa mucuceeffamaa daawwitii irraa ta’ee [bishaan keessaan mul’atuudha].” [Isheenis] “Gooftaa kiyya! Ani lubbuu Tiyya miidheera, Suleymaaniin wajjin Allaah Rabbii aalama hundaa ta’etti harka kenne (Islaamawe)” jette.