Beeyladoota (wareega Ka’abaa)ishee mallattoolee Rabbii irraa isiniif goone, Ishee keessa gaggaariitu isiniif jira, Odoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii ishee irratti faarsaa, Yeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaa, Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne. Akka isin galata galchitaniif.