Yeroo Gooftaan kee malaa’ikootaan "dhugumatti, Ani (ilmaan namaa) dachii keessatti bakka bu’aa (khaliifaa) taasisuufan jira" jedhes [yaadadhu]. Isaanis ni jedhan: "Sila namoota ishee (dachii) keessatti badii dalagan, kan dhiiga (walii) dhangalaasan ishee keessatti taasiftaa?" odoo nuti galata keetiin si faarsinuufi si qulqulleessinuu". [Innis] ni jedhe: "Dhugumatti, Ani akkaan beekaa waan isin hin beekneti."