Wanta inni barbaade isaaf hojjatu, Iddoolee ibaadaa, fakkiiwwan, gabateewwan (guddinni isaa) akka naannigaa ta’eefi okkoteewwan nahaasaa kan iddoo qabattee teessu irraa (isaaf hojjatan) “Yaa maatii Daawuud (ajaja isaa guutuun) galata (Rabbii) hojjadhaa. Gabroota kiyya irraas namni Ana galatoomfataan xiqqaadha” (jenneen).