Yoo Rabbiin gara garee isaan irraa ta’eetti si deebisee, (duulaaf) bahuuf hayyama si gaafatan,jedhiin. “Ana wajjiin gonkumaa hin baatanu; Ana wajjinis diinaan hin loltanu, Isin dhugumatti yeroo jalqabaa taa’umsa jaalattanii jirtu. Kanaafuu warra (mana) taa’an wajjin taa’aa”(jedhiin).