Yoo isin isaaf tumsuu baattan, dhugumatti Rabbiin isaaf tumseera -yeroo warri kafaran lammaffaa nama lamaa ta’ee isa (Makkaarraa) baasan, yeroo isaan lamaanuu goda keessa ta’an, yeroo inni saahiba isaatiin “hin gaddin Rabbiin nu waliin jiraa; ” jedhu san- (Rabbiin isaaf tumseera). Rabbiin tasgabbii Isa irraa ta’e isa irratti buuse; waraana isin ishee hin arginiinis isa jabeesse, Jecha warra kafaranii gad aantuu taasise, Jechi Rabbii isheedhumatu ol aantuudha, Rabbiin injifataa, ogeessa.