Kabajaa ji’a tokkoo gara ji’a birootti siqsuun kufrii irratti (kufrii) dabaluudha, Warri kafaran isaan jallifamu, Waggaa tokko (keessa) hayyamamaa isa godhu; waggaa biraa immoo dhorgamaa isa godhu, Akka lakkoofsa wanta Rabbiin dhorgamaa godhee qunnamaniif jecha, waan Rabbiin dhorgamaa godhe hayyamamaa godhu, Fokkataan hojii isaanii isaaniif miidhagfame, Rabbiin ummata kaafira hin qajeelchu.