Guyyaa Nuti ummata hunda keessatti lubbuma isaanii irraa ragaa isaan irratti baafnuufi sis (yaa Muhammad SAW) isaan kana irratti ragaa goonee si fidnu [yaadadhu]. Kitaaba (Qur’aana) sirratti buufne, Waan hunda addeessuuf jecha, Muslimootaaf qajeeluma, rahmataafi gammachuu goonee.