Wanti (Rabbiin) isin irratti haraama (dhorgamaa) godhe baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan wantoota Rabbiin alaatiif (yeroo gorra'an) sagaleen irratti olfuudhameedha. Namni rakkifame fincilaa tahuun maletti daangaa dabruun maletti (yoo nyaate)(badiin isarra hin jiru). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha