Ammas yeroo Nuti Ilmaan Israa’iil waadaa qabanne [yaadadhaa] "Rabbiin malee [waan biraa] hin gabbarinaa; abbaafi haadhaaf tola oolaa, firootaafis, yatiimotaafis, hiyyeeyyiifis (tola oolaa). namootattis toltuu haasa’aa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa" (jenneen). Ergasii garagaltan nama muraasa isin irraa ta’e malee, uf duuba deebi’oo taatanii.