Nabiyyiin isaaniis isaaniin jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin Xaaluutiin mootii godhee isiniif ergeera." [Isaan] nijedhan akkamiin nurratti mootummaan isaaf ta’a? nuutu isarra haqa mootomutti, bal'inna qabeenyarraa tahes hinkennamne. Ni jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin isin irratti isa file, beekumsaafi qaama keessattis bal'ina isaaf dabale. Rabbiin mootummaa Isaa nama fedheef kenna. Rabbiin (arjummaan isaa) bal’aa, beekaadha."