Hajjiin ji’oota beekamoodha. Namni isaan keessa hajjii ofitti murteesse (ihraama godhate), hajjii keessatti qunnamtii saalaa gochuu, finciluufi falmii gaggeessuu hin qabu,Toltuu irraa waan isin hojjattan Rabbiin ni beeka, Galaa guduunfadhaa; dhugumatti caalaan galaa sodaa Rabbiiti, Yaa warra qalbii qabdan Anuma sodaadhaa!