Yeroo Ibraahiim jedhe "Gooftaa kiyya! Magaalaa kana (Makkaan) iddoo tasgabbii taasisi, Warra (jiraattota) isaas, namoota isaan irraa Rabbiifi guyyaa Aakhiraatti amaneef fuduraalee irraa soorata isaaniif kenni" jedhe [yaadadhaa], (Rabbiinis) "Nama kafares (niin nyaachisa); Ani xiqqoon isa qanansiisee ergasii gara azaaba ibiddaattin isa geessa, Iddoo deebii kan akkaan fokkateedha!"