Warri (homaa) hin beekne: "maaliif Rabbiin nuun hin dubbanne yookiin maaliif mallattoon wahii nuuf hin dhufne? jedhu; akkasuma warri isaaniin duraa fakkaataa jecha isaanii jedhan, Onneen isaanii wal fakkaatte, Dhugumatti, Nuti namoota (amantii Rabbii) mirkaneeffataniif aayatoota (keenya) ifa taasifnee jirra