Jireenya addunyaa kana keessattiifi kan Aakhiraa keessattis toltuu nuuf katabi, Nuti gara kee deebineerra." (Rabbiin) ni jedhe: "(kun) azaaba kiyya; naman fedhen isaan tuqa, Rahmanni kiyya waan hundaaf ballatte, Ishee fuulduratti nin barreessa warra Rabbiin sodaataniif, zakaa kennaniifi warra keeyyattoota keenyatti amananiifin."