Inni Isa dachiifi bishaan keessas isin deemsisu. Yeroo dooniwwan keessatti taatanii qilleensa gaarii keessa isaaniin deemanii, isheetti gammadan, qilleensi bubbisaan isitti dhufa; danbaliin bakka hunda irraa isaanitti dhufa; isaanitti marfamuu yaadan. Rabbiin qofa kadhatan, ibaadaa Isaaf qulqulleessanii, "Yoo Ati (balaa) kana irraa nagaa nu baafte, nuti dhugumatti, warra (si) galateeffatan irraa taana” (jedhan).