Lisez et écoutez la Surah At-Talaq avec traduction, tafsir, récitation audio, signification mot à mot, et translittération. Traduction par Ghali Apapur Apaghuna.
Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, 'Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa Iddaas lakkaa'aa. Rabbii Gooftaa keessan sodaadhaa. manneen isaanii irraa isaan hin baasinaa
isaanis hin ba'in, Yoo badii fokkataa ifa ta'een dhufan malee. Sun daangaawwan Rabbiiti. Namni daangaawwan Rabbii tare, dhugumatti inni lubbuu isaa miidheera. Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haara'a (walitti deebi'uu gidduu keessanitti) uume hin beektu.