Nuti gara keetti beeksisa goonee jirra akkuma gara Nuuhiifi nabiyyoota isa boodatti beeksisa goone, Gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, asbaax (ilmaan Ya’aquub), Iisaa, Ayyuub, Yuunus, Haaruuniifi Suleymaanittis beeksisa goonee jirra. Daawuudiif ‘Zabuur’ kennineerra.