Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre), Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes, Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru, sehaa hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban, Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.