[Yaa Muhammad!] jedhi: "yaa Rabbii abbaa mootummaa taate! Mootummaa nama feeteef kennita; nama feete irraa immoo mootummaa mulqita, Nama feetes ni jabeessita, Nama feetes ni xiqqeessita, Toltuun hundi harka kee jira. Dhugumatti Ati waan hunda irratti danda’aadha.