Jedhi: "Sila kan adabbiin isaa Rabbiin biratti san caalaa badaa ta’e isiniif himuu? (inni sun) Nama Rabbiin isa abaareefi isa irratti dallane, kan isaan irraa jaldeessaafi booyye taasise, isaan xaaghuuta (gabbaramtoota Rabbiin alaa) gabbaran, isaan sun warra (Aakhiratti) iddoon isaanii badaa ta'ee, irra jallatoowwani karaa qajeelarraa."