Isaanirratti barreessine Ishee keessatti "Lubbuun lubbuudhaan, ijji ijaan, funyaan funyaaniin, gurri gurraan, ilkaan ilkaaniin, madaan gumaadha" (jechuun isaan irratti barreessinee) jirra. Namni isa sadaqate (gumaa dhiise) inni isaaf (badii) harcaasaadha. Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun miidhaa raawwattoota.