Yoo imala irra jiraattanii barreessaa hin argatin, qabdii fuudhamtuu taatetu (qabadhaa). Yoo gariin keessan garii amane immoo, inni amaname amaanaa isaa haa dhaqqabsiisu; Rabbii Gooftaa isaa haa sodaatu. Ragaa hin dhoksinaa, Namni ishee dhokse, dhugumatti inni onneen isaa dilaawaadha. Rabbiinis waan isin hojjattan beekaadha.