Warri kafaran “Qiyaamaan nutti hin dhuftu” jedhan. “Akka isin jettanii miti, Rabbii kiyya beekaa waan fagootiin kakadhee! Isheen dhugumatti, isinitti dhufti” jedhiin. Wanti hanga madaala atamii, wanti sana irra xiqqaafi kan sana irra guddaas samii keessaafi dachii keessattis, isa irraa kan hin fagaanne ta’ee, kitaaba ifa baasaa ta’e keessa jiraatu malee (hin hafu).